Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Aanaa Leemmoo fi Bilbilootti facaasaan Kilaastera qamadii gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC)–Godina Arsii Aanaa Leemmoo fi Bilbilootti facaasaan kilaastera qamadii qonna gannaatiin misoomu gaggeeffameera.
Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Bariiisoo Fayyisaan facaasaa qamadii kilaastera aanichatti eegalchiisaniiru.
Qonnaan bultoonni Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf makanaayizeeshiinii fi calla guddistuu fayyadamuun xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuun ibsameera.
Obbo Bariisoon, bara kana oomishtummaa qonnaa dabaluuf karoora qabamee milkeessuuf qophii lafaa haala gaariin irra deddeebi’uun makanaayizeeshiinii qonna gargaaramuun qopheessuu, calla guddistuu fi sanyii filatamaatti gargaaramuun deeggarsa ogummaa taasisa jiraachuu himuu ragaan Biiroo Qonna Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.