Godina Addaa Naannawaa Finfinneetti filannoo marsaa 6ffaa gaggeessuuf qophiin xumuramuu ibsame
Finfinnee, Waxabajjii 12, 2013 (FBC) – Godina Addaa Naannawaa Finfinneetti naannolee filannoo 6 irratti filannoo marsaa 6ffaa gaggeessuuf qophiin xumuramuu Waajjirri Qindeensaa Boordii Filannoo godinichaa beeksiisee.
Fillannoo marsaa 6ffaa gaggeefammuf naannoo fillannoo Barak Alaltuutti meeshaalee filannoo raabsamaa jirachuu ibsameera.
Buufataalee filannoo 123 irratti meeshaalee filnnoof barbaachisan hundi qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu Boordii Filannoo Biyyaalessatti Itti gaafatamaan naannoo Filannoo Barak Alaltuu dargaggoo Hayiluu Tasfaayeen ibsaniiru.
Raawwachiiftuun filannoo 330 leenjii barbaachisu fudhachuun filannoo raawwachiisuuf qophii ta’uu himaniiru.
Filattoonni kumni 94 fi 441 kaardii filannoo fudhachuu eeraniiru.
Addis Taammiraatitu gabaase.
Suuraan :- Kuusaa
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Https://T.Me/Afanoromofana
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii Fanabc.Com/Afaanoromoo
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.