Godaantota Ityoophiyaa Jibuutii jiran deebisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Eebla 25, 2015(FBC)- Jibuutiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen godaantota Ityoophiyaa Jibuutii jiran deebisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Mootummaa Jibuutii waliin ta’uun godaantota Ityoophiyaa Jibuutii jiran gara biyyaatti deebisuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuu Ambaasaaddar Birhaanuun ibsaniiru.
Ambaasaaddar Birhaanuun godaantota Ityoophiyaa giddugala tursiisa godaantotaa Nagaad jiran daawwachuu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin eeraniiru.
Haala qabiinsa godaantotaarratti ajajaa giddugalichaa Leetenaal Koloneel Oomaar Yusuuf waliin mari’achuus kaasaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.