Fana: At a Speed of Life!

Godaantoota Eertiraa Tigraay keessatti argaman kuma 25f deeggarsi midhaan nyaataa dhiyaachaa jira – Sagantaa Nyaata Addunyaa

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC) – Godaantoota Eertiraa Tigraay keessatti argaman kuma 25f deeggarsa middhaan nyaataa dhiyeessaa jiraachuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Sagantaan Nyaata Addunyaa beeksise.
Godaantoota buufataalee lama keessatti argamaniif deeggarsi midhaan nyaataa baatii tokkoof ga’u gama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Sagantaa Nyaata Addunyaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Ejansii Baqattootaa, Ityoophiyaatti Ejansii baqattootaa fi deebiitootaan dhiyaachuu ibsameera.
Haaluma kanaan godaantoota Eertiraa Maay Ayinii keessatti argamaniif deeggarsi miidhaan nyaataa meetiriik tooniin 250 dhiyaachuu himameera.
Akkasuma gondaantoota Eeritraa buufata Adii Haruush keessatti argaman kuma 12 fi 170f deeggarsi midhaan nyaataa meetirik tooniin 240 dhiyaachuu Sagantaan Nyaata Addunyaa beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.