Fana: At a Speed of Life!

Godaansaa deebiitoonni 650 damee ogummaa garaagaraan eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Godaansaa deebiitoonni 650 damee ogummaa garaagaraan eebbifamaniiru.
Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa magaalaa Finfinee Ejansii Teeknikaa fi Ogummaa waliin ta’uun marsaa 4ffaaf Godaansaa deebiitoota ogummaa adda addaan leenjisaa turan eebbisiisaniiru.
Sirna eebbichaarratti Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon argamuu ragaan AMN irraa argame ni agarsiisa.
Imaammannni mootumma Dippiloomaasii Lammiileerratti xiyyeeffate ta’uu isaan lammiileen biyya alaa jiraatan kabaja barbaachisu akka argatan hojjetamaa jiraachuu obbo Zhaanxiraar Abbay ibsaniiru.
Mirgi namoomaa lammiilee akka kabajamu hojjechuu cinaatti biyya keessatti carraan hojii akka babal’atuu fi lammiilee fayyadamoo taasiisuuf hojiin hojjetamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.