Godaansa seeraan alaa ittisuuf godinaalee Oromiyaa jaha keessatti walta’iinsaan hojjetamaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Amajjii 20, 2014 (FBC)- Godaansa seeraan alaa ittisuuf godinaalee Oromiyaa jaha keessatti walta’iinsaan hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Hubannoon labsii lakkoofsa 1156/2011 bahe fi godaansa seeraan alaa irratti xiyyeeffate gareewwan hojii godaansaa irratti hojjatan godina Booranaa, Gujii, Baalee lamaan, Arsii Bahaa fi Lixaatiif magaalaa Shaashamanneetti kennameera.
Itti gaafatamtuun waajjira dhimma hojjetaaf Hawaasummaa Godina Arsii lixaa aadde Dammaqech Ayyalaa, qaamoleen godaansarratti hojjatan qajeelfama labsii ba’erratti hubannoo gahaa argatanii hojjachuu qabu jedhaniiru.
Walitti hidhamiinsa godinaalee kanaan godaansa seeraan alaa fi daddabarsa daa’immanii ittisuuf kan hojjetamuu ta’uu himaniiru.
Itti gaafatamaan Eejansii Birhaan obbo Abraaham Fiixamoo akka himanitti, Eejansiin kamuu eeyyama seeraa baafachuun iddoo eeyyama itti baafate qofatti dalaguu qaba jedhan.
Godaansa seeraan alaatiin humna dargaggeessaa heddu irra miidhaan qaamaa qalbii qaqqabeera jedhan.
Itti gaafatamtuun waajjira dhimma dubartootaaf daa’immanii godina Arsii Lixaa aadde Arabee Nyagulee, keessattuu dubartootaaf daa’imman gowwoomsuun godilee kanneen keessa dabarsuun rakkoof isaan saaxilan dhaabbachuu akka qabu eeraniiru.
Godaansa seeraan alaa hambisuuf hawaasaaf hubannoo kennu, faddaaltotarratti tarkaanfii fudhachuu, carraa hojii uumuu fi namoota biyya alaatii deebi’an deebisanii dhaabuu akka barbaachisu himaniiru.
Gareewwan hojii godaansaa irratti hojjatan Godina Arsii bahaa fi lixaa, Baalee lamaan, Booranaa fi Gujii hirmaatan rakkinicha furuuf Akka hojjatan dubbaataniiru.
Jibriil Huseenii fi Lammaa Tasfaayee
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.