Fana: At a Speed of Life!

Gochaa badii gareen finxaalessaa ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti raawwate hiriirri balaalefatu naannoo Sidaamaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC)- Gochaa badii gareen finxaalessaa ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti raawwate hiriirri balaalefatu naannoo Sidaamaatti gaggeeffamaa jira.

Hiriirri kun magaalaa Sidaamaa Addabaabaayii Miliniyeemiitti ganama sa’aa 12:00 eegalee jiraattoota naannichaa hirmaachisuun gaggeeffama jiraachuu ragaan bulchiinsa magaalaa Hawaasaa irraa arganne ni mul’isa.

Jiraattoonni kunneen dhaadannoo Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruu fi garee finxaalessaa kan mormu qabatanii hiriira bahaniiru.

Tarkaanfiin Raayyaan Ittisa Biyyaa garee kana irratti fudhachaa jiru akka deeggaran hirmaattooni hiriirichaa ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.