Fana: At a Speed of Life!

Gochaa ABO shanee fi Wayyaaneen Ityoophiyaan hin diiggamtu – obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (FBC) – Gochaa shororkeessummaa ABO shanee fi Wayyaaneen raawwataniin Ityoophiyaan kan hin diiggamne ta’uu Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallisa Abdiisaan ibsan.
 
Obbo shimallis haala yeroo ilaachisuun ibsa laataniiru.
 
Ummanni biyyattii walqixxummaa, demookraasii fi fayyadamummaa haqa qabeessaaf waliin qabsoo hadhaawaa gaggeessaa turaniiru, ammas waliin imalaa jiru jedhan obbo Shimallis ibsa isaaniin.
 
Qabsoon waloo ummanni biyyattii gaggeessan bu’aa buusuun Ityoophiyaan adeemsa jijjiirramaa keessa galteerti jedhan.
 
Qabsoon ummataa kun lafa akka hin qabne qaamoleen badii gochaa farra ummataa raawwachuu itti fufuu isaanii eeraniiru.
Gareen kun ummata fi ummata walitti buusuun dhiiga dhangalaasuu tasgabbiin siyaasaa akka hin uumamne taasisuun abjuu gara aangootti deebii’uuf qabu dhugoomsuuf halkanii guyyaa shira hojjechaa jiraachuu obbo Shimallis dubbataniiru.
 
Wayyaaneen bu’aa siyaasaa argachuuf ummataa fi ummata walitti buusuun dhiiga lammiilee nagaa dhangalaasaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Keessattuu ummataa Oromoo fi Amaaraa gidduutti walitti bu’iinsa akka babal’atu taasiisuun hojii idilee Wayyaanee ta’uu eeraniiru.
 
ABO shanee hidhachiisuun lammiilee nagaarratti haleellaan akka raawwatamuu fi abdiin jijjiirramaa akka dukkanaa’u xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
 
Garee shororkeessaa kanarratti ummataa fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun tarkaanfii irratti fudhatamaa jiruun humni isaanii haalaan dadhabaa jiraachuu himaniiru.
 
Gareen haalaan miidhame kun abdii kutachuun ummata nagaa, qonnaan bultootaa fi hoggantootarratti gochaa shororkeessummaa raawwachaa jiraachuu obbo Shimallis eeraniiru.
 
Guyyaa kaleessaa godina Wallaga Lixaa aanaa Gullisoo ganda gaawwaa Gaanqaatti ummata nagaarratti miidhaa hammaataa qaqqabsiisuu ibsaniiru.
 
Lammiilee nagaa badii tokko malee lubbuu qaalii dhabaniif gaddi onnee cabse itti dhaga’amuu obbo Shimallis himaniiru.
 
 
Gochaan kun tokkummaa ummataa daraan cimsa malee diina kana waliitti taasiisuu kan hin taane ta’uu ibsaniiru.
 
Tarkaanfiin ABO shaneerratti fudhamu cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
 
Akka mootummaatti wareegama barbaachisu kamiiyyuu kanfaluun tokkummaa ummataa fi Ityoophiyaa itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.
 
 
Shira ABO shanee fi Wayyaaneen Ityoophiyaan hin diiggamtu jedhaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.