Giriik hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu daran cimsuuf fedhii qabaachuu ibsite
Finfinnee, Muddee 10, 2014 (FBC) – Giriikiitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Damituu Hambisaan Ministeera Dhimma Alaa Giriikiitti Daayreektara Dhimmoota Siyaasaa Daayrektar Jeneraal Haariis Laalaakoos waliin mari’ataniiru.
Marichaan Ambaasaaddar Dammituun gochaa gareen shororkeessaa ABUT nageenya Ityoophiyaa booressuu fi tokkummaa ishee diiguuf taasisee fi tarkaanfii mootummaan fudhate ilaalchisee ibsa laataniiru.
Biyyoonni lixaa olola sobaa afarsuun dhiibbaa garaagaraa Ityoophiyaarratti fudhachuuf sochii taasisanii fi walga’ii manni maree mirgoota namoomaa DhMG dhimma Ityoophiyaarratti taasise fudhatama kan hin qabne ta’uu bal’inaan ibsaniiru.
Hariiroo yeroo dheeraa Ityoophiyaa fi Giriik gama siyaasaa, daldalaa fi tuurizimiin cimsuuf gama Ityoophiyaa fedhiin jiraachuu ibsaniiru.
Haariis Laalaakoos gamasaaniin, hariiroo biyyoota lameenii daran cimsuuf Giriik fedhii qabaachuu kaasaniiru.
Yeroo ammaa Giriik hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdu cimsuuf hojjechaa jiraachuu fi Ityoophiyaan ammoo teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uusheetiin hariiroo jiru daran cimsuu akka barbaadan ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.