Fana: At a Speed of Life!

Gincii fi Gimbiin qabxii yoo qooddatan Dambi Doolloon Gullisoon injifatamte

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Tapha Liigii Olaanoo Oromiyaa gaggeeffeen Kilabni Bulchiinsa Magaalaa Gimbii fi Ginciin qabxii yoo qooddatan Dambi Doolloon Gullisoon injifatamteetti.

Taphni Kubbaa Miilaa Liigii Olaanaa Oromiyaa torbee 6ffaan taphoonni morkii jabaan irratti ni mul’ataan eegamaa turan Istaadiyeemii Wallaggaatti gaggeeffamaniiru.

Taphoota gaggeeffamaniin, Dursaan Ramaddii A Bulchiinsi Magaalaa Gimbii morkataa isaa Sadarkaa 2ffaarratti argamu Bulchiinsa Magaalaa Giincii waliin taphachuun galchii malee qixa ba’uun qabxii qooddataniiru.

Bara darbe Shaampiyoonaa Oromiyaa kan ture Kilabni Bulchinsa Magaala Dambii Doolloo Gullisoo waliin taphachuun galchii 2 fi 1’n injifatameera.

Tapha liigichaa torbee 6ffaa ramaddichaan galchiiwwan 21 galmaa’aniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.