Fana: At a Speed of Life!

Giiftii Dureen Zinnaash Taayyachaw Giddugala Faawundeeshiinii Dibooraatti ijaarsa mana barumsaa fedhii addaa eegalchiisan

Finfinnee, Amajjii 25, 2013 (FBC) – Giiftii Dureen Zinnaash Taayyachaw giddugala Faawundeeshiinii Dibooraatti ijaarsa mana barumsaa fedhii addaa eegalchiisaniiru.
Waajjirri Giiftii Duree xiyyeeffannoo addaan irratti hojjechuuf kallattii kaa’e keessaa kunuunsii fi nageenyi sammuu isaan tokko.
Giddugalli Faawundeeshiinii Dibooraa daa’immaanii fi dargaggoota rakkoo sammuu qabaniif kan tajaajilu mana barumsaa fedhii addaa ijaarsiisuuf har’a dhagaa bu’uuraa fi sirna ijaarsa eegalchiisuu gaggeesseera.
Waajjirri Giiftii Duree Faawundeeshinii Dibooraan kan ijaarramu mana barumsaa fedhii addaa kanaaf birrii miiliyoona 19 kan ramade yoo ta’u, maddi maallaqa Proojektichaa gurgurtaa Kitaaba ida’amuu Muummee Minsitiraa Dooktar Abiy irraa kan argame ta’uu ibsameera.
Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachaw sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu erga raawwatanii booda giddu galichaatti Biqiltuu dhaabuu isaanii ragaan Waajjira Giiftii Dureerraa argame ni muul’isa.
Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu fi ijaarsa eegalchiisuu kanarratti Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallisa Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoon argamaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.