Fana: At a Speed of Life!

Giiftii Dureen Zinnash Taayyachaw Ambootti mana barumsaa sadarkaa 2ffaa ijaaruuf dhagaa bu’ura ka’aan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC)- Giiftii Dureen Ityoophiyaa aadde Zinnash Taayyachaw naannoo Oromiyaa godina Shawaa Lixaa aanaa Ambootti mana barumsaa sadarkaa 2ffaa ijaaruuf dhagaa bu’uraa ka’aniiru.
Aanaa Ambootti ijaarsa mana barumsaa Ifaa Goromtiif dhagaa bu’uraa kan ka’an.
Ijaarsi mana barumsichaas ganda Booruu Goramtii bakka dhaloota Looreet Tsaggayee Gabra Madiidha.
Manni barumsichaa kutaawwan 16 kan qabu yoo ta’u, gamoo bulchiinsa, daree barnoota, laabraatoorii, mana kitaabaa fi kutaalee tajaajilaa biroo laatan of keessaa kan qabudha.
Sirna dhagaa bu’uuraa ka’uu kana irratti preezdaantii naannoo Oromiya obbo Shimallis Abdiisaa , Hogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo fi hooggantoonni hojii mootummaa biroon argamaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.