Giiftii Dureen Zinnaash Taayyaachoon ayyaana Faasikaa sababeeffachuun qaroo dhabeeyyii 100 waliin maaddii qooddatan
Finfinnee, Eebila 22, 2013 (FBC) – Giiftii Dureen Zinnaash Taayyaachoon ayyaana Faasikaa sababeeffachuun qaroo dhabeeyyii 100 waliin maaddi qooddataniiru.
Waajjirri Giiftii Duree wayita weerara vaayrasii koroonaa waamicha Muummee Ministiraa taasiisan hordofuun qaama miidhamtoota waliin maaddii qooddachaa turuun isaa ni yaadatama.
Waajjirichi qaama miidhamtootarratti xiyyeeffachuun deeggarsoota garaagaraa taasiisaa kan ture yoo ta’uu, gara fuulduraas sochicha kan itti fufu ta’uu ragaan Waajjira Giiftii Dureerraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.