Fana: At a Speed of Life!

Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon ijaarsa Buufata Xiyyaara salphaa Boongaa jalqabsiisan

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015 (FBC)- Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon ijaarsa buufataa xiyyaara salphaa Magaalaa Boongaa jalqabsiisaniiru.

Buufanni xiyyaarichaa lafa hektaara 44 irratti kan ijaaramu yoo ta’u sochii invastimantii fi tuuriizimii naannichaa guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsameera.

Sirna eegalchiisa ijaarsa buufatichaarratti Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo, Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, Ittaanaan Pireezidaantii Naannoo Ummatootaa Kibbaa-Lixa Ityoophiyaa Dooktar Injiinar Nagaash Wageeshoo fi qondaaltonni biroon argamaniiru.

Dabalataan Waajjiraa Giiftii Dureetiin Warshaa Daabboo fi Daakuu Birrii miiliyoona 100 oliin Magaalaa Boongaatti ijaarame eebbisiisaniiru.

Warshaan Daabboo fi daakuu kun lafa hektaaraa 2.4 irratti kan ijaarame yoo ta’u guyyatti Daabboo kuma 300 kan oomishuu ta’uun ibsameera.

Meeroon Muluugeetaatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.