Fana: At a Speed of Life!

Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoon ayyaana bara haaraa sababeeffachuun harka qalleeyyii deeggaran

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoon Ayyaana bara haaraa 2014 sababeeffachuun Naannoo Hospitaala Alaartiitti argamuun namoota humna hin qabnee fi harka qalleeyyii deeggaraniiru.
Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon namoota dhibee garaagaraan midhamuun naannoo Hospitaala Alaartiitti argaman100f tokkoon tokkoo isaaniif Birrii kuma 1 fi uffata halkanii deeggarsa taasiisuu ragaan Waajjira Giiftii Dureerraa argame ni muul’isa.
Wayita ayyaana bara haaraa kabajnu kutaalee hawaasaa deeggarsa barbaadan yaadachuun kabajuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Barri haaraan bara gammachuu, badhaadhinaa, fayyaa fi jaalalaa akka ta’u ummata Ityoophiyaa maraaf hawwaniiru.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.