Fana: At a Speed of Life!

Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo warshaa daabboo Gondaaritti ijaaramaa jiru daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2015 (FBC)- Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo warshaa daabboo waajjira isaaniin Magaalaa Gondaaritti ijaaramaa jiru daawwataniiru.

Warshichi Jiraattota magaalichaa galii gadaanaan jiraatan fayyadamtoota taasisa jedhameera.

Ijaarsi warshichaa erga eegalee baatiiwwna 7 kan ta’e, Amajjii 2015 xumurama jedhamee eegama.

Warshichi guutummaatti wayita hojii eegalu guyyatti daabboo kuma 200 oomishuu danda’a jedhamuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.