Fana: At a Speed of Life!

Giiftii Duree aadde Zinnaash Taayyaachoo mana Barumsaa Ifaa Boruu Roobee sadarkaa 2ffaa eebbisiisan

 

Finfinnee, Caamsaa 26, 2013 (FBC) – Giiftii Duree aadde Zinnaash Taayyaachoo Mana Barumsaa Ifaa Boruu Roobee sadarkaa 2ffaa Waajjira Giiftii Dureen Ijjaarrame eebbisiisaniiru.

Ijaarsa Mana Baruumsaa kanaaf Birriin miiliyeena 39 baasii ta’eera jedhame.

Ijaarsi mana barumsichaa baatii 3 fi torbee lama keessatti xummuramuu himameera.

Ifaa Boruu Roobee barattoota qabxii olaanaa fidan 700 ni simachuun barsiisuuf dandeettii kan qabu ta’uu eerameera.

Kutaa Laabraatoorii 3, Kutaa shaakala hojii qabatamaa , Mana dubisa kitaabaa, kutaa intarneetii fi giddu gala bashannana barattootaa fi barsiisotaas kan guuttate ta’uu himameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo
Waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.