Fana: At a Speed of Life!

Gidduugaleessi qindaawaa kenninsa tajaajila kunuunsaa fi haqaa dubartootaa fi daa’immanii hospitaala yaaddannoo Gaandii fi Minilik daawwatame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2012 (FBC) –  Abbaan Alangee waliigalaa Federaalaa aadde Adaanecha Abeebee gidduu galeessa qindaawaa kenninsa tajaajila kunuunsaa fi haqaa dubartootaa fi daa’immanii hospitaala yaaddannoo Gaandii fi Minilik daawwataniiru.

 

Daawwanicharratti hooggantoonni qaamoleen haqaa ministeera dubartootaa, daa’immanii fi dargaggootaa argamaniiru.

Daawwannicha boodas marii taasisaniiru.

Marii kanaanis galmee qorannoon irratti taasifame 94 keessaa shakkamtoonni 53 seeratti dhiyaachuu isaanii fi himannaan 29 banamuu hiamniiru.

 

Rakkinichi fooyya’insa hamma tokko yoo agarsiiseyyuu,fuulduratti hojii baay’een hojjetamuu qaba jedhan.

 

Tajaajiloonni fi hojiin haqaa kunniin eega rakkinichi qaqqabee booda fiigicha taasifaman malee miidhamtoota kan miidhaa irraa baraaran miti.

Kanaaf, hundumti keenya gocha badii fi jibbisiisaa kana mana keenya irraa eegallee hamma naannoo keenyaatti, darbees biyya keenya keessa akka hin jiraanneef hojiin ittisaa barsiisuu fi hojii irra oolchuu hojjetamuu qaba jechuun dubbataniiru.

 

Eega rakkoon qaqqabees yakkamtoootaa fi warreen shakkamaa jiran dhoksuun, murtoon barsiisaa ta’e akka hin kennamne taasisuunii fi seeratti dabarsanii keennuu dhiisuun,raga ba’uuraa baqachuun miidhamtoota irratti yakka hojjechuudha jedhan.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.