Fana: At a Speed of Life!

Giddugallichi gamtaa fi marartoo waloo keenyaf ragaa guddaadha-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Mudde 5, 2017 (FMC)-Giddugalli Guddisa Daa’imman Abdii Borii Oromiyaa, gamtaa fi marartoo waloo keenyaf ragaa guddaadha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti har’a eebba Giddugala Guddisa Daa’imman Abdii Borii Oromiyaa (Oromia Abdi Boru Orphanage Center), daa’imman abbaa fi haadha dhabanii fi daa’imman rakkoo hamaa keessa jiraniif kunuunsa, barnootaa fi deeggarsa kennuuf dhaabbate irratti argamuu kiyyaan kabaja olaanaatu natti dhagahame.

Giddugalli kun, gama tokkoon tattaaffii keenya waloo jireenya namoota daran saaxilamoo ta’an fooyyessuuf taasifnu kan bakka bu’u yoo ta’u, gama birootiin humna tokkummaa fi gara laafinni qormaata bara kanaa furuu keessatti qaban kan agarsiisu ta’uu himaniiru.

Pirojektichi arjummaa isaaniitiin akka milkaa’u kan taasisan Pireezidaantii Gamtaa Emereetota Arabaa (UAE) Sheek Mohaammad Biin Zaayid Al Nahyan maqaa ummata Oromootiin galateeffachuun barbaada jedhaniiru.

Akkasumas, hoggansa cimaa walta’iinsaa kennuun, abjuun kun akka dhugoomu ka’umsa ta’an, Looreetii Nagaa Addunyaa, Ministira Mummee Dooktar Abiy Ahimadiin galateeffataniiru.

Walta’iinsi cimaan Itiyoophiyaafi Gamtaa Emereetota Arabaa gidduu jiru bu’aa buusuu itti fufee jiraachuu yaadachiisanii, Giddugalli guddisa Daa’imman Abdii Borii Oromiyaa, gamtaa fi marartoo waloo keenyaaf ragaa guddaa ta’uu akeekaniiru

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.