Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Wal’aansa Fayyaa Yuunivarsitii Jimmaa deeggarsa meeshaale wal’aansa argatte

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)- Yuunivarsiitiin Ghent fi Hospitaalli UZ meeshaale wal’aansa Fayyaa Giddugala Wal’aansa Fayyaa Yuunivarsiitii Jimmaaf deeggarsa taasise.

Deeggarsichi kenninsa tajaajila Wal’aansa dhibee kaansarii fooyyessuuf kan gargaaruu ta’uu Hojii Gaggeessituun Joohnson and Johnson, Kunaaliin kan ibsan.

Fuuldurattis deeggarsichi kan itti fufuu fi hojilee gama damee fayyaan jiran hundaa fooyyessuuf yuunivarsitiwwan lameen walitti dhiyeenyaan kan hojjetan ta’u dubbataniiru.

Yuunivarsiitii Jimmatti Ispeeshaalistii Olaanaan Wal’aansa Kaansaari Dooktar Dhaabasaa Moosisaan gama isaaniin deeggarsichi tajaajila wal’aansaa dhibee kansaari kennamaa jiru kan fooyyessu ta’u dubbataniiru.

Meeshaaleen hafan biroonis yeroo dhihootti gara biyya keessaa akka seenanii fi tajaajilaaf oolaan dubbataniiru.

Qaamoole deeggarsa taasisanis galateeffataniiru.

Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.