Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Ummatoota Gurraachaa Idil Addunyaa Itiyoophiyaatti hundeeffamuufi

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC)- Giddugalli Ummatoota Gurraachaa Idil Addunyaa Itiyoophiyaatti hundeeffamuuf ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Giddugalichi Sadaasaa 28, 2016 teessoo isaa Itiyoophiyaa ta’ee akka hundeeffamuuf hojiileen dippilomaasii hojjetamuu Dubbii Himaan Ministeerichaa Ambaasaddar Mallas Alam ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.

Giddugalichi seenaa fi hambaalee ummatoota gurraachaa kan ilaallatan, ogeeyyii hojiilee qorannoo fi qo’annoo bal’aa gaggeessan kan hammatuudha jedhaniiru.

Teessoon giddugalichaa Itiyoophiyaa ta’ee wayita hundeeffamus seenaa fi bilisummaa ummatoota gurraachaa ilaalchisuun hojiilee hojjetamanii fi hojjetamaa jiran, biyya gitaa bittaan jala hingalle fi bakka argama dhala namaa ta’uun irraan kan ka’e akka filatamtu taasisuu akeekaniiru.

Giddugalichis gama dippilomaasiinis ta’e diinagdeen Itiyoophiyaaf carraa bal’aa qabaachuu Ambaasaaddar Alam dubbataniiru.

Hundeeffamni Giddugala Ummattoota Gurraacha Sadaasaa 28, 2016 bakka qondaaltonni olaanoo mootummaa argamanitti akka gaggeeffamu ibsaniiru.

Firehiiwot Saffiwutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.