Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli qorannoo fi oomisha Saaphaphuu “Ispiirulina” jedhamu eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2016 (FBC) – Giddugalli qorannoo fi oomisha Saaphaphuu “Ispiirulina” jedhamu Itiyoophiyaatti kan jalqabaa ta’e eebbifameera.
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonna Oromiyaa, Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Inistiitiyuutii ‘Baayoo fi Immerjiing’ teknooloojii waliin ta’uun gosa saaphaphuu ija qullaan hin argamne “Ispiirulina” jedhamu, tajaajila nyaataaf ooluufi foonii fi Killee dachaa hedduun caalu biyya keessatti madaqsuun giddugaleessa Qorannoo fi buufata Ispaayiruuliinaa itti oomishamuu ijaare eebbifameera.
Waggoottaan sadan darbaniif hojii misooma qorannoo hojjetaa kan jiru giddu galli kun ijaarsi isaa xumuramuun Adaamii Tulluutti tajaajila eegaleera.
Lafa Kaaree Meetira kuma 1 fi 200 irratti kan ijaarame giddu galichi ji’aan Saaphaphuu Maayikroo kiiloo Giraama 30 oomishuu danda’a jedhame.
Inistiitiyuutiin ‘Baayoo fi Immerjiing’ qorannoowwan rakkoo hawaasaa furan hojjechaa jiraachuu Daayrektarri olaanaan Inistiityuutichaa Piroofeesar Kaasahuun Tasfaayeen ibsaniiru.
Keessattuu saaphaphuun kun quucaruu daa’immanii hir’isuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknoolojiirraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.