Giddugalli Leenjii loltummaa Awaash Arbaa loltoota leenjii bu’uuraan leenjisaa ture eebbisiise
Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC)-Giddugalli Leenjii loltummaa Awaash Arbaa loltoota leenjii bu’uuraan leenjisaa ture eebbisiiseera.
Eebbifamtoonni leenjichaa turtii isaaniin Leenjii loltummaa amasiisaa fudhachuu isaanii himaniiru.
Kanaafis Ityoophiyaa diiguuf kan hojjetaan humnoota alaa fi gantoota biyyaa keessaa ittisuuf qophii taaneerraa jechuun mirkaneessaniiru.
Ityoophiyaa nan diigaa jedhe kan ka’ee garee shororkeessaa ABUT barbadeessuuf qophiidha jedhaniiru.
Sirna eebichaarratti itti aanaa ajaja humna lafaarraa fi qabeenya misooma namaa Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaaniin dabalatee hoggantoonni waraanaa olaanoo akkasumas hoggantoonni hojii mootummaan biroon argamaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.