Giddugalli Leenjii Loltummaa Huursoo miseensota raayyaa Kabachiisa Nageenyaa eebbisiisaa jira
Finfinnee, Bitootessa 9, 2017(FMC) – Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI’tti Giddugalli Leenjii Loltummaa Huursoo miseensota raayyaa Kabachiisa Nageenyaa eebbisiisaa jira.
Eebbifamtoonni kunneen shaalaqoota mootaraayizdii 20ffaa fi 21ffaa ta’uun eerameera.
Eebbifamtoonni kunneen ergama kabachiisa nageenyaaf biyya alaatti warreen bobba’an ta’uu giddugalichatti Itti Gaafatamaan Ijaarsa Xiin-Sammuu Koloneel Balaay Hiruuy ibsaniiru.
Dandeettiin, aantummaa inni uummataaf qabuufi fudhatamummaan raayyichaa sadarkaa olaanaan dabalaa dhufeera jedhan.
Sagantaa eebbaa kanarratti Hogganaa Qajeelcha Olaanaa Mahaandisii Raayyaa Ittisaa Leetenaal Jeneraal Dastaa Abbichee, Ajajaa Giddugala Kabachiisa Nageenyaa Meejer Jeneraal Adamnahi Mangistee fi qondaaltonni olaanoo biroon argamuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia