Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli galteewwanii fi tajaajila qonnaa Botee eebbifame

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC)- Giddugalli galteewwanii fi tajaajila qonnaa Botee eebbifameera.
Giddugalichi karoora mootummaa naannoo Oromiyaa qabate keessaa tokko yaa ta’u, malee abbaa qabeenyaa Kabbadee Baljigaa Gadaatiin kan ijaarrame.
Giddugala kanattis galteewwan qonnaan bultootaa kanneen akka sanyii filatamaa, xaa’oo fi oomishawwan adda addaatu argama.
Qonnaan bulaanis galteewwan qonnaa gatii madaalawaan argachuun dabalatatti yeroo barbaade midhaan isaa galma kana keessa kaawwatee itti fayyadamuu akka danda’u abbaa qabeenyaa obbo Kabbadeen himaniiru.
Sirni eebbicharratti Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenyaa Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee argtamaniiru.
Obbo Dhaabaa Dabaleen ergaa dabarsaniin gootota misoomaa akka kanaa heddumminaan horachuu qabna jedhaniiru.
Kaffaaloo Shifarraatu gabaase
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.