Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Duudhaa Riifoormii Kabajaa fi Badhaadhina hundagaleessa Ummataati – Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Qaammee 2, 2016 (FBC) – Qaammeen 2, Guyyaan Riifoormii mata duree ‘Riifoormii Tajaajila Caalmaaf’ jedhuun kabajamaa jira.

Giddugalli Duudhaa Riifoormii Kabajaa fi Badhaadhina hundagaleessa Ummataa ta’uu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen himaniiru.

Gaaffii Diimookiraasii fi Badhaadhinaa ummataaf deebii kennuuf boqonnaan Riifoormii waggoota 6 dura eegaluu himaniiru.

Bitootessa 2010 kan eegale mul’anni Riifoormii namuusa cimaa, hoggansa murannoo qabuu fi hirmaannaa olaanaa lammiileen galma ga’uu danda’eera jechuun ibsan.

Kaayyoo fi galmi Riifoormii hojmaata fi haala mijataa hin taane kabajaa fi badhaadhina biyyaaf haala mijatutti jijjiirudha.

Har’a guyyaa Riifoormii waayita kabajnu tajaajila caalmaa qabu dhugoomsuun abdii badhaadhinaa riifoormiin eegalame walharkaa fuudhinsa dhalootaan biyya badhaate egereef dhaalchiisuuf waadaa keenya haaromsuuni jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.