Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli diyaaspooraan odeeffannoo garaagaraa irraa argatu gara hojiitti gale

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC)- Giddugalli diyaaspooraan odeeffannoo garaagaraa irraa argatu gara hojiitti galuu ibsame.

Sirna hojiitti galchuu giddugalichaarratti kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee dabalatee hoggantoonni olaanoo hojii mootummaa fi bakka bu’oonni diyaaspooraa argamaniiru.

Giddugalichi guyyoota ayyaanaa dabalatee torban guutuu tajaajila kan kennu ta’uu fi odeeffannoowwan diinagdeen walqabatan diyaaspooraaf kan kennu eerameera.

Hojiilee jireenya hawaasummaa fooyyessan ilaalchisee sirni ittiin odeeffannoo argatan diriirfamuu kaafameera.

Giddugalichatti tajaajilli foddaa tokkoo kan kennamu yoo ta’u diyaaspooraan tajaajiloonni galmeessa ragaalee bu’uuraa fi imigireeshinii kan argatu ta’uu ibsameera.

Qophiiwwan garaagaraa diyaaspooraaf qophaa’an ilaalchisees giddugalichatti ibsi kan kennamu ta’uu ibsameera.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.