Giddugalli Dippiloomaasii Paablikii dhaabbilee barnootaa olaanoo hundaa’e
Finfinnee, Sadaasa 26, 2014 (FBC) – Giddugalli Dippiloomaasii Paablikii dhaabbilee barnootaa olaanoo Yuunvarsiitii Aarbaa Mincitti ifatti hundaa’uu ibsame.
Waltajjii hundeeffama giddugalichaarraatti Bishaan Abbayyaa fi fedhii biyyoota yaa’ichaa, akkasumas dhiibbaa dippiloomaasii biyyattii yeroo ammaa ilaalchisee barreeffamni qorannoo dhiyaachuun mariin irratti taasiifameera.
Yuunvarsiitiin Aarbaa Minci Damee Bishaaniin qorannoo cimaa gaggeessuun wal qabatee Abbayyaarraatti hojii guddaa hojjechuun akka irraa eegamu Preezdaantiin Yuunvarsiitichaa Dooktar Daamxoo Daarzaan ibsaniiru.
Giddu galli kun hayyoonnii fi barattoonni dhimma biyyaalessaarratti gumaacha akka taasiisan kan gargaaruu ta’uu himuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.