Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Daataa Afrikaa Wingu Doolaara miiliyoona 50’n ijaarame eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2015 (FBC)-Ityoophiyaatti Giddugalli Daataa Afrikaa Wingu Doolaara miiliyoona 50’n ijaarame eebbifame.

Sirna eebbaa Finfinneetti gaggeeffame irratti Ministira Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa dabalatee qondaaltonni mootummaa fi hoggantoonni hojii Wingu Afrikaa argamaniiru.

Hojigaggeessaa Olaanaan Wingu Afrikaa Antoonii Vooskaariidas akka jedhanitti, giddugalichi dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa kamuu tajaajila ragaalee gatii madaalawaan kan kennuudha.

Dhaabbatichi teeknooloojiiwwan akaakuu hundaa kan fayyadamu, Somaalii Laandi, Jibuutii fi Taanzaaniyaatti tajaajila kan kennu, giddugala daataa teeknooloojiin deeggarame ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.