Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Beekumsaa Chaayinaa-Afrikaa-UNIDO tajaajilaaf banaa ta’e

Finfinnee, Adoolessa 8, 2016 (FBC)- Giddugalli Beekumsaa Chaayinaa-Afrikaa-Dhaabbata Misooma Indaastirii Mootummoota Gamtoomanii (UNIDO) Magaalaa Finfinneetti ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’e.

Giddugalichi guddina waaraa Afrikaa, qonna ammayyeessuu fi hubannoo gabbisuuf akka tajaajilu ibsamuu ragaan UNIDO’rraa argame ni mul’isa.

Dabalataan Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063, karooraa waggoota 10 Itiyoophiyaa fi hammattoowwan tarsiimawaa walfakkaatan biroo waliin sagantaa misoomaa walsimuu akka qabu ibsameera.

Kana malees, fooramii walta’iinsaa Afrikaa-Chaayinaa fi ajandaa misoomaa waaraa 2030’f akka gumaachu ibsameera.

Giddugalichas Ministirri Ministeeraa Indaastirii Malaakuu Allebal, Dura Taa’aa Eejensii Walta’iinsa Misoomaa Idil Addunyaa Chaayinaa Lu’oo Zhi’oohuuy fi Daayrektarri Olaanaa UNIDO Gardi Mular giddugalicha eebbisiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.