Giddugalichi nageenyaa fi haqa mirkaneesuuf humna dabalataati-Kom. Dammallaash Gabremikaa’el
Finfinnee, Sadaasa 7, 2017 (FBC)- Giddugalli Qorannoo Fi Qo’annoo Fooransikii Poolisii Federaalaa nageenyaa fi haqa amansiisaa mirkaneessuuf hojiilee gaggeeffamaaniif humna dabalataati jedhan Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabremikaa’el.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bakka argamanitti Giddugalaa Qorannoo Fiqo’annoo Fooransikii Poolisii Federaalaa eebbifamera.
Sirna eebbichaarratti Komishinar Dammallaash akka jedhanitti, giddugalichi Afrikaarraa giddugala olaanaadha.
Giddugalichi ijaaramuun tajaajilli adda faffaca’e kannamaa ture giddugala tokkorraa akka kennamu kan taasisu ta’uu himanii, hojiilee qorannoo yakka sanadaa, meeshaa waraanaa, balaa ibiddaa, dhohiinsa, DNA, fooransikii dijitaalwaa, keemistirii fi ashaaraa dhokataaf laabiraatooriiwwan murteessoo akka hammate kaasan.
Qorannoo qofaa utuu hintaane humna namaa qorannoo fooransikiin ga’umsa qabu horachuuf kan dandeessisuudhas jedhaniiru.
Dandeettii Poolisii naannolee cimsuufis dargaggoota heddumminaan leenjisuuf bakka sadarkaa isaa eeggate qophaa’uu himuu TOI gabaaseera.
Biyyoota deegarsaa fi tumsa Itiyoophiyaa barbaadaniif bakki leenjii fi qorannoo ogeeyyii fooransikii sadarkaa addunyaa kennuu danda’an mijeeffamuus eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia