Fana: At a Speed of Life!

Giddugalichi Koomandoowwan leenjisa ture eebbisisaa jira

Finfinnee, Caamsaa 9, 2016 (FBC) – Giddu galii Leenjii Ajaja Koomandoo fi Humna qilleensaa Komaandoowwan Leenjisa ture yeroo 42ffaan eebbisisaa jiraachuun ibsame.
Sirnicharratti Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Ittaanaa Itaamajoor Shuumii Waliiglaa Raayyaa Ittisaa Jeneraal Abaabbaw Taaddasaa, Koomishinarri Koomishinii Poolisii Fedeeralaa Jeneerala Dammallasah Gabramikaa’el, Pireezidaantii naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbadaa fi Qoondaltoonni olaanoo Raayyaa Ittisaa argamaniiru.
Eebbifamtoota kanneeniif moggaasni maqaa “Itiyoophiyaa ‘jedhu kan kennameef yoo ta’u, Koomandoowwan eebbifaman kunneen Humna Galaanaarraa fi Poolisii Fedeeralaarra walitti babba’uun baatiwwaan dheeraaf leenjiii kan fudhachaa turuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argme ni mul’isa.
Saganticharratti agarsiisni loltummaa garaagaraa dhiyaachuus ibsameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.