Fana: At a Speed of Life!

Giddugala to’annoo humna biyyoolessaa ijaaruuf walii galteen  mallattaa’e

Finfinnee, Muddee 1, 2014 (FBC)-Tajaajilli Humna Elektirikaa Ityoophiyaa dhaabbilee Elektiraa Jeneraalaa Faransaayii fi Siinoo Haaydiroo Chaayinaa waliin waliigaltee giddugalaa to’annoo humna biyyoolessaa ijaaruuf kan dandeessisuu mallatteesseera.

Waliigalticha Hoji raawwachiisaa olaanaan humna elektirikaa Ityoophiyaa Ashabbiir Baalchaa,  Afrikaa Bahaatti itti gaafatamaan damee gurgurtaa elektirikaa waliigala obbo Maaniyaazowaal Tasfaayee fi bakka bu’aan Siinoo Haaydiroo Tiyaan Hoongijuun mallateessaniiru.

Waliigaltichi giddugaloota to’annoo humna biyyoolessaa lama ijaaruuf akkasumas sirnoota buufatalee madda humna, raabsaa, to’annoo fi hordooffii diriirsuun hojiiwwan akka salphisuu ragaan tajaajilicharraa argamee ni muul’dhisa.

Ijaarsi proojektichaas waggoota 3 keessaatti xumuramuun gara hojiitti akka galuu ibsameera.

Ijaarsa proojektichaafis baajanni Yuuroo miiliyoona 57.67 fi Birri miiliyoonni 102  qabameeraafi.

Baasii faayinaansi proojektichaa 1/3ffaa Tajaajilli humna elektiraa Ityoophiyaa yoo uwwisuu, haftee isaa 1/3ffaa ammoo ejaansii misooma Faraansaayiin uwwifamaa jedhameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.