Giddu-galli Warshaa Nooraa Gudar nooraa kuntaala kuma 100 qopheessuun rabsaa jira – BQO
Finfinnee, Eebla 17, 2015 (FBC) – Dhangaggaa’ummaa biyyee ittisuuf Giddu-galli Warshaa Nooraa Gudar nooraa kuntaala kuma 100 qopheessuun rabsaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiise.
Dhangaaggaa’ummaa biyyee saffisaan dabalaa jiru nooraan yaaluun oomishtummaa qonnaa guddisuuf maashinoota oomisha nooraaf oolanii fi humna namaa dabaluun yeroo kamiyyuu caalaatti xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu biirichi ibseera.
Godinaalee roobni itti heddumatu keessatti lafa dhangaggaa’ummaan biyyeetiin miidhame nooraan yaaluun oomishtummaan qonna Gannaa akka dabaluuf nooraan kuntaalli kumni 100 ol rabsamaa jiraachuu eeraniiru.
Haaluma Godina Jimmaaf, kuntaalli kumni 10, Godina Iluu Abbaa Booriif kuntaalli kumni 6 fi 700 fi Godina Buunnoo Beddelleef kuntaalli kumni 2 fi 600 rabsamuun geejjibamaa jiraachuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.
Godinaalee hafaniifis guyyoota 20 keessatti kan rabsamuun ta’uu himameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.