Fana: At a Speed of Life!

Giddu galli beekkumsa biyya keessaa baname

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti beekkumsa biyya keessaa lammiilee hundaaf sadarkaa barnootaan waliinga’uuf kan kaayyeeffate Giddu galli beekkumsa biyya keessaa banameera.
Dhaloota itti aanuuf muuxxannoo gaarii dabarsuuf Giddu galli beekkumsa biyya keessaa akka hundaa’u murtaa’uu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen ibsaniiru.
Biyyoonni akka Jaappaan, Taayilaandii fi Chaayinaan qorannoo saayinsii yeroo ammaa irra ga’aniif bu’uurri isaanii beekkumsa biyya keessaa ta’uu eeraniiru.
Beekkumsi biyya keessaa akka hin badne eeguuf qabeenya aadaa, duudhaa, seenaa fi haala biyya keessaa ilaalchise dhalootaaf haala galuu danda’uun barsiisuun badhaadhina eegalameef bu’uura ta’uu himaniiru.
Saganticharratti hoggantoonni dhaabbilee garaagaraa, namoonni bebbeekkamoon, hayyoonnii fi qooda fudhattoonni argamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.