Gibtsi 2 – 1 Moorookoo
Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Tapha Waancaa Afrikaa 33ffaa nuusa xumuraa har’a gaggeeffameen Gibtsi Moorookoo injifachuun tapha walakkaa xumuraaf dabarte.
Gibtsi goolii 2 fi 1n Moorookoo injifatteerti.
Sa’aatiin idilee 1 qixa xumuramuun daqiiqaa 30 dabalame keesatti Gibtsi goolii 1 dabaluun tapha walakkaa xumuraaf darbuu ishee mirkaneeffateerti.
Mahaammad Saalaan goolii 1 galchuun goolii 2ffaa galeef ammoo haala mijeessuun ga’umsa olaanaa agarsiiseera.
Taphataa urjii taphichaas ta’eera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.