Fana: At a Speed of Life!

Gibts Hidha Haaromsaarratti mormiin qabdu kan siyaasaa malee, saayinsaawaa miti – hayyuu biyyattii

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Gibts Hidha Haaromsaarratti mormiin qabdu kan siyaasaa malee, saayinsaawaa miti jedhan hayyuun biyyattii Firuuz Albaaz.
 
Gibts hidhicha dhimma siyaasatiif fayyadamaa jirti malee, sababii saayinsaawaa tokko qabattee mariitti dhiyaachaa hin jirtus jedhan hayyuun qorannoo lafaa kun.
 
Iddoon hidhichi itti ijaarrame qorannaa hedduun kan irratti gaggeeffame ta’uus ibsaniiru.
 
Hayyuun kun gaaffii fi deebii “MBC Arab Youtube” waliin taasisaniin; hidhichi bishaan guutuu yoo jalqabu Gibts hanqina bishaanitiif ni saaxilamtiin qondaaltota siyaasaa fi miidiyaa biyyattiitin kan afaarfamu prooppaagaandaa malee dhugaa miti jedhan.
 
Hidhichi yaa’a bishaaniirratti dhiibbaan fidu akka hin jiraatinis eeraniiru.
 
Sadarkaan ijaarsasaas taanan qorannaa hedduun gaggeeffamee, qulqullinaan dhaabbilee idil addunyaatin hojjetamaa kan jirudha jedhan.
 
Kanaaf Hidha Haaromsaarratti gaaffin sadarkaa qulqullinaa kan ka’uu miti jedhan.
 
Naannoo hidhichaatti lafti ni socho’aan oduun afaarfamus dhugaarraa kan fagaate, wallaallummaadhan kan guutamedhas jedhan.
 
Hojiin diizaayinii isaatis sadarkaa qulqullinaasaa kan eeggate ta’uu ibsaniiru.
 
Kanaaf miidiyaalee fi qondaaltonni siyaasaa Gibts Hidha Haaromsaa ajandummaa siyaasatiif fayyadamuu malee, mormii fi gaaffii dhugaa saayinsaawaa ta’e tokkollee of keessaa hin qabu jedhan.
 
Gibts qabeenya bishaan lafa jalaatin Afrikaarraa sadarkaa duraarratti argamti.
 
Kunis jaarrotaaf tajaajilarra ooluu kan danda’udha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.