Fana: At a Speed of Life!

Gibts dhimma Hidha Haaromsaarratti mariitti deebi’uuf murteessuu ibsite

Finfinnee, Caamsaa 14, 2012 (FBC) – Gibts dhimma Hidha Haaromsaarratti mariitti deebi’uuf murteessuu ibsite.
 
Ministeerri Dhimma Alaa Gibts kaleessa ibsa baasen akka beeksisetti, mariitti deebi’uu barbaanna jedheera.
 
Akka ibsa ministeerichaatti guutinsa bishaanii Hidha Haaromsaa Ganna baranaa jalqabamuuf karoorfamerratti Ityoophiyaa fi Sudaan waliin ni mari’anna jedheera.
 
Ibsichaanis waliigaltee hunda qixa fayyadamaa taasisurra ga’uuf ni hojjenna jedheera.
 
Mariitti yoo deebinu fayyadama qixaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts mirkaneessuuf ni hojjenna jedheera ministeerichi.
 
Gibts murtii kanarra kan geesse kaleessa waaree booda muummee ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi muummeen ministiraa Sudaan Abdallaa Haamdook viidiyoodhan kallattiidhan ega mari’ataniin booda.
 
Ityoophiyaan ijaarsi Hidha Haaromsaas ta’e guutinsi bishaanii faayidaa biyya kamiituu kan hin miine ta’uu beeksisaa turuun ishee ni yaadatama.
 
Ejjennuma kanaanis ijaarsa hidhichaa cimsuudhan Ganna baranaa guutinsa bishaanii jalqabsiisuuf hojjechaa jiraachuu beeksisuun ishee ni yaadatama.
 
Gibts gama isheetin fayyadama ofii duursuun, waliigalteerraa maqaa turteetti.
 
Hojiilee dhiibbaa diippiloomaasii qaqqabsiisan jettee yaadduu hunda karaa biyyootaa, dhaabbilee idil addunyaa fi Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhiyeeffachaa turteetti.
 
Ityoophiyaan garuu ijaarsi hidhichaa faayidaa biyya kamiituu kan hin miine ta’uu, mirga biyyoonni yaa’a Naayil bishaanicharraa qixa fayyadamuuf qaban kan hin faallessine ta’uu fi misooma walootif kan hojjetamu ta’uu ibsuun, qabeenya uumamaasheetti mirga fayyadamuus akka qabdu hubachiisaa turteetti.
 
Ityoophiyaa, Gibsii fi Sudaan dhimma Hidha Haaromsaarratti mariiwwan waliigaltee hedduurra ga’aman gaggeessun isaanii ni yaadatama.
 
Yaata’uutii mariin Ameerikaa dabalachuun Waashiingitanitti gaggeeffamaa ture faayidaa Ityoophiyaa kan tuqu waan ta’eef waltajjichi waliigaltee malee turuun ni yaadatama.
 
Ityoophiyoophiyaan durumaanuu waltajjii mariitin dhimmoota faayidaa waloo furuun barbaachisaa ta’uu ibsaa turteetti.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.