Gatiin boba’aa hanga Bitootessa 30, 2014 haaluma baatii darbeen itti fufa jedhame
Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Mootummaan gatiin Boba’aa Gurraandha 19, 2014 hanga Bitootessa 30, 2014tti haaluma ammaa jiruun akka itti fufu murteessuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiise.
Murtoon kun Naafxaa Gurraacha salphaa, ulfaataa fi Boba’aa Xiyyaaran ala akaakuu boba’aa biroorratti hojiirra kan oolu ta’uu ministeerichi beeksiiseera.
Kunis sosochii diinagdee fi hawaasummaa haala tasgabbii qabuun itti fufsiisuuf ta’uu eereera.
Haala gabaa boba’aa idil addunyaa tilmaamama keessa galchuun akkaatuma barbaachisummaa isaan sirreeffamni gatii taasiifamuu akka danda’uu himuu EBCn gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.