Gargaaramtummaa maksinee Oomishtummaan birmadummaa biyyaa guutuu taasifna-BKO
Finfinnee, Waxabajjii 14, 2016 (FBC)- Gargaaramtummaa maksinee Oomishtummaan birmadummaa biyyaa guutuu taasifna jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.
Biirichi ibsa baaseen jijjiiramaaf qophaa’oo ta’uu fi gargaaramtummaa hadheeffatanii jibbuun kutaalee Oromiyaa hunda keessatti ammas gochaan mul’achuu qaba jedheera.
Guutuun ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.
Itiyoophiyaan birmadummaa ishee wareegama qaaliin tikfachuun dhaloota dhaalchiftus maraammartoo hiyyummaa, boodatti hafummaafi wal waraansa keessa turte.
Kanaanis biyyoota sarara hiyyummaa gadi jiraatan keessatti kan ramadamtu qofa osoo hin taane, ilaalchi gargaaramtummaa hidda gadi fageeffachuun cabiinsa dinagdee hamaa keessa turuu mirkaneessa. Kun biyya qabeenya uumamaan badhaateefi humna oomishaa gahaa qabdu tokkoof qaanii guddaa, dogoggora hamaa; faallaa safuufi aadaa Oromoo ganamaati.
Akka safuufi aadaa Oromoo ganamaa sirna Gadaan qajeelfamuutti wayiita rakkoon uumamaafi namtolchee mudatu seera ittiin wal hirkisaniifi dinagdee kufe deebisanii bayyanachiisan sirni bu’ura hawaasummaa cimaa qabu Buusaan Gonofaa ijaaramee jira.
Mammaaksi Oromoon rakkataa hin qabu jedhus dhugaa kana irraa kan maddedha.
Sabni kaleessa kuma horee bobbaasuun garaacha uffatu; dhibbaan elmatee seeraaf sirna guutee kiila seenu, aannan daakee badhaadhaa ta’uu isaa labsatu har’a akkamiin hiyyuma boraafatee waliin jiraata?
Akkamiin waktii Bona guutuu taa’ee rooba Gannaa qofa eegee mala aadaan hojjetee hiyyummaa injifata?
Kun akka sabaattis kan nu ibsu waan hin taaneef ilaalcha gargaaramummaa cabsinee oomishtummaan biyya badhhate uumuu qabannee hojiifi hojii qofatti cichuun boriif kan bulfamu osoo hin taane yeroon isaa amma.
Ummanniifi mootummaan wal tahuun ilaalcha gargaaramtummaa gara gochaatti ce’aa jiru irratti atattamaan dammaqnee sirreessuun, maqmaqii hiyyummaa diignee badhaadhina waloo mirkaneessuun, hojjennees wal hijjechiisuun dhimma qaama biraaf kennamu miti.
Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa
Lafa eebbifamaafi qilleensa misoomaaf mijaawaa ta’e, humna namaa raajii hojjechuu danda’u horanneefi injifannoo siyaasaas gonfanneen umurii hiyyummaa gabaabsuuf, harqota maraammartoo hiyyummaa caccabsuun boqonnaa haaraa saaquuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa kutannoon hojjechaa jira.
Barii injifannoo waloon gonfanne irraa eegallee jecha gochaan dhugoomsuun biyya fakkeenya badhaadhina Afrikaa taate ijaaruuf daandiin imalaa jirrus milkaa’ina nu gonfachiisaa jira.
Qonnaan bultoota keenya dirree misoomaa irratti hiriirsinee biyya keessatti oomishuun of dandeenyee alatti erguu danda’uu keenyaan seenaa ajaa’ibaa dalagneerra.
Tarkaanfiiwwan fudhachaa jirruun alargii guddisuun oomisha gara biyyaatti galchinu xiqqeessuu irratti argamna.
Hojiin keenya hundi qulqullina, baay’inaafi ariitii irratti bu’uureeffamuufi ittiin hogganamuu akka qabu kallattii kaawwannee ittiin milkaa’uu dandeenyee jirra.
Namni hundi onnatee xiiqiin hojjechuu bu’aa safaramuu danda’u buusee guutummaatti hiyyummaa seenaa taasisa.
Rakkoo jijjiirama qilleensaa waggoota lamaan darbe Baha Afriikaatti mudate hordofee gogiinsa gammoojjii Oromiyaa rukuteen horsiisee bultoonni keenya gaaga’ama hamtuuf saaxilamuun Oromoon roga hundaan waliif birmatee Buusee Gonofuun seenaa jijjiiruu akka dandeenyu agarsiiseera.
Horsiisee bultoonni kaleessa gargaaramaa turan Finna bishaan kuufateen, nyaata horii oomishameen fayyadamanii har’a hojiilee misoomaa ajaa’ibsiisaa keessa seenaniiru.
Beelli kaleessaas quufaan bakka bu’eera.
Jijjiiramaaf qophaa’oo ta’uufi gargaaramtummaa hadheeffatanii jibbuun kutaalee Oromiyaa hunda keessatti ammas gochaan mul’achuu qaba.
Kanaaf uummanni keenya hiyyummaan qaanii; badhaadhinni qananii ta’uu jechaan qofa osoo hin taane gochaan dhugoomsuuf hadheeffatee halkaniifi guyyaa Bonaafi Ganna osoo hin jedhin hojjechuun galma milkaa’ina ga’uu qaba.
Kanaanis gargaaramtummaa maksinee gara oomishtummaatti ce’uun birmadummaa keenya guutuu taasifnee biyya badhaate ni ijaarra.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Waxabajjii, 2016
Finfinnee