Fana: At a Speed of Life!

Gareewwan shororkeessitoota Shanee fi ABUT hojii badii dhoksaatti raawwataa turan itti fufsiisuuf waliigaluu ibsan

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC)- Gareewwan shororkeessitoota Shanee fi ABUT hojii badii dhoksaatti raawwataa turan itti fufsiisuuf waliigaluu beeksisaniiru.

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan shororkeessuummaan kan mooggafamaan gareewwan Shanee fi ABUT hojii badii dhoksaatti raawwataa turan itti fufsiisuuf waliigaluu beeksisaniiru.

Hogganaan Shanee Dirribaa Kumsaa (Jaal Maarroo) turtii Asoosheetid Prees waliin taasisaniin, mootummaa humnaan aangoorraa buusuuf garee shororkeessaa ABUT waliin waloon hojjechuuf waliigaluu himaniiru.

Waliigaltichas gaaffii gareen shororkeessaa ABUT dhiyeesseen torbee muraasaa duraa raawwachuusaaniidha kan ibsan.

Dubbi himaan garee ABUT obbo Geetaachoo Raddaa fi Dooktar Dabratsiyoon G/Mikaa’eel gama isaaniin, garee Shanee waliin dhimmoota murtaa’oorratti hojjechuuf marii taasisuu eegaluu ibsuu Rooyitersiif mirkaneesaniiru.

Mootummaan Shaneen ergama badii ABUT irraa fudhachuun iddoowwan garagaraatti lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachaa turuun irra deddeebiin ibsuun isaa ni yaadatama.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.