Fana: At a Speed of Life!

Gareen tuuristoota Chaayinaa Finfinnee gale

Finfinnee, Adoolessa 28, 2016 (FBC)- Gareen tuuristoota Chaayinaa miseensota 20 hammate Finfinnee gale

Walta’iinsa Dhabbata Chaayinaa “Touch Road” jedhamuu fi Chaayinaatti Embaasiin Itiyoophiyaan kan dhufan tuuristoonni kunneen Ministir Deetaa Ministeera Turiizimii Silashii Girmaan Simannaan taasifameeraafi.

Tuuristoonni kunneen marsaa jalqabaan gara Itiyoophyaa kan dhufan yoo ta’u, marsaa ittaanuun tuuristoonni hedduun akka dhufan ragaan ministeericharra argame ni mul’isa.

Miniteerri Tuuriizimii lammiileen Chaayinaa Itiyoophiyaa daawwachuu filannoo isaanii jalqabaa akka taasifatanii fi dhaabbilee daawwachiistotaa biyyattii waliinis hojiilee garaagaraa raawwachaa jiraachuun eerameera.

Tuuristoonni kunneen turtii qabaataniin bakkeewwan tuuriizimii Pirojektii Maaddiin Shaggarii fi ‘Maaddiin Biyyaaf’ jedhuun ijaaraman dabalatee bakkeewwan garaagaraa akka daawwataan eegama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.