Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT warshaalee magaalaa Kombolchaa saamuu fi barbadeessuu ibsame

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT warshaalee fi galteewwan magaalaa Kombolchaa saamuu fi barbadeessuu ibsameera.
Jilli Gaazeexeessitootaa saamichaa fi miidhaa warshaalee magaalaa Kombochaarra ga’e daawwateera.
Warshaaleen magaalaa Kombolchaa qabeenya abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaa 200 olii ta’uu ibsameera.
Warshaaleen 37 oomishaalee isaanii gara alaatti erguu eegalanii kan turan ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Indaastirii fi Invastimantii magaalaa Kombolchaa obbo Abbayinahi Abbaabaa ibsaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT oomishaa fi galteewwan saamuu, meeshinoota buqqisuun lammata akka hojiirra hin oolletti barbadeessuu kaasaniiru.
Warshaaleen kunnee lammiilee kuma 8 oliif carraa uumanii kan tura ta’uu fi lammiileen kunneen yeroo ammaa rakkoof saaxilamuu ibsaniiru.
Garichi warshaalee abbootii qabeenyaa alaarratti xiyyeeffachuun miidhaa hammataa qaqqabsiisuu Itti aanaan Kaantibaa magaalaa Kombolchaa Injiinar Ahimad Yeesuuf eeraniiru.
Warshaalee kanneen gara hojiitti deebisuuf hammi miidhaa qaqqabee qoratamaa jiraachuu kaasaniiru.
Gareen kun qabeenya baayyee barbaadeessuurra darbe lammiileen hedduun hojii malee akka hafan taasisus himan.
Dabalataan warshaaleen kunneen sharafa alaa fi madda galii biyyattii kan turan ta’uu ibsaniiru.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.