Gareen shororkeessaa ABUT Raayyaa Azeebootti lammilee nagaa Jijjiramicha deeggaran ajjeesaa jira jedhame
Finfinnee, Waxabajjii 27,2013 (FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT Raayyaa Azeebootti lammilee nagaa Jijjiramicha deeggaran ajjeesa jiraachuu Itti gaafatamaa Waajjiraa fi Hogganaan Qunnamtii Alaa Paartii Raayyaa Raayyummaa obbo Geetachoo Kabbadaa himaniiru.
Sodaa kanarra kan ka’e lammileen kuma kudhaniin lakkaa’aman qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aa jiraachuus himaniiru.
Mootummaan federaalaa Tigraayitti murtee dhukaasa dhaabuu gama isaan murteessuu isaa hordofee gareen shororkeessa ABUT miidhaa guddaa lubbuu namaa fi qabeenyaarran ga’uu obbo Geetachoon himaniiru.
Garichi Raayyaa Azeeboo Mahonii, Machaaree, Carcar fi Hadaa Algaatti lammilee nagaa ajjeesuu, manaa fi qabeenya isaanii barbadeessuun miidhaa guddaa irraan geessisaa jira jedhaniiru.
Gareen shororkeessaa kun jalqaba yeroo Raayyaan Ittisa Biyyaa naannichaa wayita gale kanneen simannaa taasasaniif, galaa dhiheessaniif, uffata aadaa itti uwwisan, Shaayee gurguranii jiraatan, hojii uffata aadaa hojjetan, kophee qulquleessanii jiraatan haala gara jabeenya qabuun ajjeessuu isaa eeraniiru.
Sababaa kanaan jiraatoonni yaaddoo nageenyaa baqatan naannaawaa Rayyaan Ittisa Biyyaa jiru kanneen akka Bartaalla, Taa’aa, Dayyuu, Alaamaaxaa, akkasumas magaalaa Raayyaa Qoobbootti baqachaa jiru jedhaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT “sin barsiifna” jechuun dargaggoota baayy’ee konkolaata Siinootiraak jedhamuutti fe’ee dhiittaa mirgaa irratti raawwachaa jiraachuus himaniiru.
Manneen jireenyaa jiraattotaa fi miseensota bulchiinsa yeroo naannichaa 400 ol gubachuus himaniiru.
Garichi Naannoo Tigraayi magaalaa Maqalee fi magaaloota kaneen birootti bulchinsa yeroo fi raayyaa ittisa biyyaa deeggartaniittu jechuun lammilee nagaa ajjeesa jiraachuu qulqulleessi Ragaa labsii yeroo ariifachiisaa beeksisee ture.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna