Fana: At a Speed of Life!

Gareen Shororkeessaa ABUT magaalaa Qobbootti lammiilee nagaa jumlaan ajjeese

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Gareen Shororkeessaa ABUT magaalaa Qobbootti lammiilee nagaa jumlaan ajjeesuu jiraattoonni naannichaa himaniiru.

Gareen kun magaalichatti guyyaa tokkotti lammiilee nagaa 89 ajjeessuu jiraattoonni naannicha himaniiru.

Maatiin miidhamtootas reeffaa akka hin kaasnee fi gadda isaanii akka hin ibsanneef gochaa dhiifamaa hin jedhamnee raawwachuusaa ibsaniiru.

Jiraataan magaalichaa obbo Abbabaa Zawdee akka ibsanitti, waraanni marsaa sadiin raayyaa ittisaa biyyaa fi  milishaa garee shororkeessaa ABUT irratti Qaammee 4, 2013 raawwatameera.

Gariichi haleellaa irra ga’een xiiqii qabachuun qonnaan bulaa, hojjettoota guyyaa, haadhooliirratti ajjeechaa raawwachuu himaniiru.

Waliigalaan gareen shororkeessaa ABUT wayita iddicha weeraree tureetti lammiileen nagaan 600 ol ta’aan awwaalamuu himaniiru.

Magaalaa Qobboo qofaatti Qammee 5, 2013 haleellaa gareen shororkeessaa ABUT raawwateen lammiilee nagaan 89 awwaalamuu himan.

Bara haara bariis lammiileen nagaa 16 awwaalamaniiru jedhan.

Maddi:-DHPI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.