Gareen shororkeessaa ABUT magaalaa Laalibalaa seenee raayyaa ittisa biyyaa fi humna adda naannichaatin rukutamaa jira
Finfinnee, Adooleessa 30, 2013 (FBC)- Gareen Shororkeessaa ABUT magaalaa Laalibalaa seenee raayyaa ittisa biyyaa fi humna adda naannichaatin rukutamaa jira.
Naannoo Amaaraa magaalaa Laalibalaa kan seenee gareen shororkaa ABUT yeroo amma raayyaa ittisa biyyaa fi humna adda naannichaan rukutamaa jiraachuu daayreektarri olaanaan kominikeeshinii mootummaa naannoo Amaaraa obbo Gizaachoo Mulunaah ibsaniiru.
Hawaasni olola sobaa garichaatin naannicha gadi lakkisee bahuu hin qabu kan jedhan obbo Gizaachoon, osoo hin jeeqamiin naannoosaa eeggachuu qaba jedhaniiru.
Gareen ABUT yeroo amma kana naannichatti addoota sadiirratti waraanaa banuus himuun, raayyaan ittisa biyyaa, humni addaa barbadeessaa jiraachuu kaasaniiru.
Yeroo amma kanaas miseensoonni garichaa booji’amuusaanii himaniiru.
Haaymaanoot Iyaasuutu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.