Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT kan haleele reeffi jumlaa lammiilee nagaa argame

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT kan haleele reeffi jumlaa lammiilee nagaa argameera.

Garichi godina Gondar Kaabaa aanaa Dabaat ganda Cinaa fi Taklahaayimaanoot keessaatti lammiilee nagaa hedduu haleeluusaa Biiroo kiminikeeshinii naannoo Amaaraa ibseera.

Daayreektarri olaanaan biirichaa obbo Gizaachoo Mulunaah, gareen weerara ABUT halleellaa sukkanneesaa lammiilee nagaarratti raawwateera jedhan.

Gareen kun mangoodduuta mana jireenyaasaanii keessaa turan, daa’immanii fi dubartootaarratti haleellaa sukkanneessaa raawwateera jedhan.

Mana amantaa keessaa galuunis gochaa gara jabiinaa raawwachuu obbo Gizaachoon himaniiru.

Gareen ABUT kana dura Walloo Kabaa, naannoo Affaaritti haleellaa raawwatee godina Gondar kaabaa aanaa Dabaat ganda Cinqaa fi Taklaahayimaanoottitti irra deebiin raawwachuu ragan biiroo kominikeeshinii naannichaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.