Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT iddoowwan gaheetti ajjeecha jumlaa raawwateera-Preezdaant Awwal Arba

Finfinnee, Hagayya 4, 2013 (FBC)- Preezdaantiin naannoo Affaar obbo Awwal Arbaa Gareen shororkeessaa ABUT iddoowwan gaheetti ajjeecha jumlaa raawwateera jedhan.

Gareen shororkeessaa ABUT iddoowwan qaqqabeetti daa’immaan, dubartootaa fi manguddootarratti ajjeechaa jumlaa raawwateera jedhaniiru.

Uummanni naannoo Affaar birmadummaa Ityoophiyaa hin booreessuu jechuun arsaa kaffalaa jira jedhan.

Hundi keenyaas biyya keessaa jirru kana kan dandeenyuu hunda raawwachuun dirqama keenyaa ni baanaa jedhaniiru.

Preezdaantichi haala waqtaawaa naannichaarratti jaarsoolii biyyaa, hoggantootaa fi hawaasaa waliin kaleessaa marii taasisaan irratti akka himaniitti, gareen shororkeessichaa bakka qaqqabeetti ajjeechaa jumlaa raawwachaa jira jedhan.

Garicharrattis haleellaan deebii fudhatamaa jiru haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu kaasaniiru.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.