Gareen Shororkeessaa ABUT haleellaa raawwachuun jireenya lammiilee akka gaaga’u mootummaan hin eeyyamu- Ministeera Dhimma Alaa
Finfinnee, Adooleessa 30, 2013 (FBC) –Gareen Shororkeessaa ABUT naannoo Tigraay irra darbee naannolee olaarratti haleellaa dabalataa raawwachuun jireenya lammiilee akka gaaga’u mootummaan kan hin eeyyamne ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Ministeerichi haala waqtawaa Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa baaseen waliigalteen dhukaasa dhaabuu gamtokkee sababa haleellaa gareen ABUT raawwachaa jiruun osoo hin milkaa’iin hafuu himeera.
Haleellaa garichi baneen naannolee Afaarii fi Amaaraa lammiileen kumni dhibbi 3 ol buqqa’uu fi kanneen kumaatamaan lakkaawwan lubbuu dhabuu ibseera.
Yaa ta’uutii mootummaan gareen kun badii lammiileerraan akka ga’u kan hin eeyyamne ta’uu ministeerichi ibsa isaan himeera.
Garichi obsa mootummaa qoruurra darbee deeggarsa namoomaaf jedhamee yaada waliigaltee dhukaasa dhaabuu fudhatame akka jijjiiru dirqisiisaa jiraachuu eereera.
Naannichatti nagaan akka bu’u mootummaan tattaaffii bal’aa taasiisaa ture eeruun, gareen Shororkeessaa kun rakkoo nageenyaa naannoo Tigraay keessa ture naannolee ollaatti babal’isuun Ityoophiyaan akka hin tasgabboofne taasiisaa jiraachuu ibseera.
Haleellaa garichi raawwateen lammiilee naannolee Tigraay, Amaaraa fi Afaaritti rakkoof saaxilamaniif mootummaan deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf murannoon hojjechaa jiraachuu kaaseera.
Ministeerichi garichi gochaa shororkeessummaa dhoksaa fi ifatti raawwachaa jirurraa akka of qusatu hubachiiseera.
Gareen ABUT haleellaa naannoo Afaarii fi Amaaraatti baneen filannoon nageenyaa akka cufamu taasiisaa jiraachuu ibseera.
Mootummaan Federaalaa dirqama seeraa fi siyaasaa qabuun humna ittisuu qabutti fayyadamuuf akka dirqamu hubachiiseera.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.