Gareen Shororkeessaa ABUT godina Walloo Kibbaatti iddoowwan lo’ee seeneetti adabbii cimaan adabamaa jira
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT godina Walloo Kibbaatti iddoowwan lo’ee seeneetti adabbii cimaan adabamaa jiraachuu bulchiinsi godina Walloo Kibbaa ibseera.
Bulchaan godinichaa Obbo Abduu Huseen haala waqtaawaa biyyaarratti ibsa laataniin, gareen ABUT raayyaa ittisa biyyaa, poolisii federaalaa, humna addaa Amaaraa, Faannoo fi humnoota nageenyaa biroon adabbii cimaan adabamaa jiraachuu himaniiru.
Awwaalcha garee shororkeessaa ABUT raawwachuuf humnii fi maallaqni qusatamuu hin jiru jechuun hawaasni hundi ejjennoo qabatee biyya baraaruuf duula birmaddummaa biyyarratti bobba’ee jira jedhan.
Addis Muluunaayiitu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.